Telegram Group & Telegram Channel
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Ulfinakee affeelii nyaadhu.

Ati nama. Namni immoo qaamaan, sammuudhaan, hariiroo hawwaassummaan guddachuu qaba.
Anoo sanan baradhee akkamitti kanan hojjedhaa?
Sammuunkoo waan kana amanee fudhachuu hin danda'u.
Namoonni ollaakoo hiriyoonnikoo maal naan jedhuu?
Maatiinkoo iddoo akkasiitti miti kan isaan na eegan.
Ulfinakoo ofirratti eeggachuun qaba. Yeroo dabartuuf jedhee hojii fokkisaa akkasii hojjechuu hin qabu.
Ani akkasiim! Akkas naan jedhum! Natti orii'ani. Hiriyoonnikoo na jibbuum
Yoon kisaarehoo? Yoon du'ehoo? Lakki ulfinakoon eeggadha malee.

Na dhageessaa! Qalbiikee naaf ergistaa? Elaa Ulfinnikee boolla haa seenu. Maaliif akka awwaala dibamaa utuu keessikee dheebotuu, gubatuu duubaan of dhidhiibdaa? Hojjedhu hojiitu si jijjiira. Waan sammuunkee Itti amane addunyaa sammuukee keessaa isa bahuuf dhikkifatu. Karaa fokkisaas ta'u bareedaa. Ollaafi maatii miti ofiikee murteessi Itti seeni.
Nama gammachiisuu gonkumaa hin dandeessu beeki. Hangam of eeggatte guutuu ta'uu hin dandeessu. Namni hir'ina waan siin jedhu hin dhabu. Digiriikee dibbiriikee gilgiliikee mukatti fannisii daandii milkaa'inakeef murteeffatte irra adeemuu ammuma eegali. Fiigi ariifadhu. Balalii'i. Kufi gangaladhu. Daaraa keessas foqoqi awwaara. Dhagaas baadhu, dafqi, xuriin siihaa ajeessu.
Hiriyaa si kabaju utuu hin qabaatiin ulfinakoo! Ulfinakoo! Ulfinakoo hin jedhiin. Ulfinnikee qilee haa seenu, yoo feete affeelii nyaadhu. Ollaafi firri dibbee rukutee sitti haa caaranu. Ati hinaaftootaafi qeeqtota duubatti dhiisi galmakee qofaa suksukuu irraa ijakee hin buqqifatiin.

Boru gaafa sii darbu. Boru gaafa dhugaakee baramu, boru gaafa yaadakee hojiitti jijjiirte, Boru gaafa milkaa'innikee toora qabatee dhufu situ abbaa moo'ichaati. Ulfinnikee toora galee dhufa.
Maqaakeetu akka alaaba biyyatti boru farfama.
Utuu hin hojjetiin, hin milkaa'iin salphina malee ulfinni hin jiru.
Kanaaf eenyummaakee hojjechuun yaadakee milkaa'inatti jijjiiruuf ba'aakee hurqufii of ta'ii jiraadhu.

@sammuukoof
@sammuukoof

tg-me.com/sammuukoof/442
Create:
Last Update:

BY FAYYAA SAMMUU

Warning: Undefined variable $i in /var/www/tg-me/post.php on line 280

Share with your friend now:
tg-me.com/sammuukoof/442

View MORE
Open in Telegram

Damma daamuu Telegram | DID YOU KNOW?

Date: |

What is Telegram Possible Future Strategies?

Cryptoassets enthusiasts use this application for their trade activities, and they may make donations for this cause.If somehow Telegram do run out of money to sustain themselves they will probably introduce some features that will not hinder the rudimentary principle of Telegram but provide users with enhanced and enriched experience. This could be similar to features where characters can be customized in a game which directly do not affect the in-game strategies but add to the experience.

Damma daamuu from vn

Telegram FAYYAA SAMMUU
FROM USA